top of page
Search

Dhaabata Guddisaa Daa’imman Vineyard

Updated: Feb 20

#Dhaabata Guddisaa Daa’imman Vineyard

Magaalaa Adaamaatti dhaabbanni tola oolaa guddisa daaa'mmanii Veeniyaard mana barnootaa Gadaa Kiilolee sadarkaa 1ffaa keessatti Ijoollee qaama miidhamtootaaf deeggarsa garagaraa taasiseef.

Hoji - gaggeessituun dhaabbata guddisa daa'immanii veeniyaardi Fulbaanee Ijaaraa akka dubbattutti dhaabbanni keenya hojiiwwan garagaraa ijoollee qaamaan miidhamanii barnoota fedhii addaa mana barnootaa Gadaa kiilolee sadarkaa tokkoffaa keessatti barataa jiran 91 fi maatii isaanii 20 ta'aniif dhaadannoo "dhalootaaf haa jirannu" jedhuun deeggarsa garagaraa akka isaan of danda'an taasisaafi jirra jedhanii keessattuu qaamaan miidhamuun sammuun miidhamuu waan hin taaneef ijoolleen kun hojjatanii akka of danda'an maqaa isaaniitiin kuduraa fi muduraa gosa garagaraa dallaa mana barnootichaa keessatti isaaniif dhaabuun gurguranii galii akka irraa argatan taasisaa jirra jedhan.

Kana malees ijoolleen kun hojiiwwan ogummaa harkaa garagaraas akka hojjachuu danda'an kan himtu Fulbaaneen galii isaan argatanis dabtara baankii Siinqee baafatanii akka qusachaa jiran himti.

Hojii Kuduraa fi muduraa kana caalatti babal'isuuf cimnee hojjanna, keessattuu sadarkaa kana gahuuf deeggarsa nuuf taasisuun mana barnootaa Gadaa kiilolee nigalateeffanna kan jettu Aadde Fulbaaneen ammas ijoolleen kun mul'ata yaadame bira akka gahaniif qaamni hunduu haa tumsinuu jechuun dhaamti.

Daairektarri Mana Baruumsa Gadaa Kiilolee Ukaa Kabbuu gama isaaniitiin akka jedhanitti ijoolleen kunneen bori abdii biyyaa kanaa ta'uu danda'an waan ta'eef hawaasni ijoollee akkanaa gara mana barnootaatti akka ergee barsiisu dhaamaan.

Gorsaa waajjira barnootaa fi itti gaafatamaan Hayyoota Magaalaa Adaamaa Obbo Abarraa Tolaa sagantaa kanarratti argamuun akka jedhanitti dhaabbileen Tola ooltotaa magaalichaa hojiiwwan dhaloota abdii itti horan hojjachaa jiru keessattuu dhaabbanni guddisa daa'immanii Veeniyaardi hojii muuxannoof ta'u kuduraafi muduraa kana hojjataniif galanni isaaniif


4 views0 comments

Recent Posts

See All

コメント


bottom of page